Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti sagantaaleen garaagaraa gaggeeffamaa turan nagaan xumuramuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC)-Magaalaa Finfinneetti sagantaaleen garaagaraa gaggeeffamaa turan nagaan xumuramuu Koreen waloo nageenyaa beeksise.

Magaalaa Finfinneetti Bitootessa 2 hanga 4,2014tti yaa’ii 1ffaan Paartii Badhaadhinaa fi Bitootessa 3,2014tti ammoo sirni gaggeessaa reeffa Abunee Marqoorewoos Addabaabaayii Masqalaatti raawwatamuu korechi yaadachiisera.

Bitootessa 4, 2014 sirni kadhannaa fi awwalcha Abunee Marqoorewoos Bataskaana Kaatidiraala Sillaasetti raawwachuu ibseera.

Guyyaa walfakkaataa Bitootessa 4, 2014 Fiigichi guddichi Ityoophiyaa dubartootaa marsaa 19ffaan gaggeeffamuu ibsameera.

Walumaagalatti magaalichatti Bitootessa 2 hanga 4,2014tti sagantaaleen garaagaraa gaggeeffamaa turan karaa nagaa fi milkaa’inaan xumumuu ibseera.

Sagantaaleen kunneen karaa nagaan akka xumuramuuf qaamolee nageenyaa fi biroo qoodasaanii ba’atan galateeffateera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.