Fana: At a Speed of Life!

Daa’imni haaraa dhalate sa’aati 30 booda vaayrasi koroonaan qabame argame

Finfinnee, Amajiii 28, 2012 (FBC) – Daa’imni haaraa dhalate vaayrasi koroonaan qabame argame.

Daa’imni lammii Chaayinaa erga dhalatee sa’aati 30 booda vaayrasin koroonaa akka irratti eargame miidiyaaleen mootummaa biyyatti gabaasaniiru.

Daa’imni kun dhibichaan namoota qabaman keessaa umuriin namaa xiqqaa isa taasiseera.

Daa’imichi kan dhalate magaalaa ka’umsa dhibee vaayrasichaa taate hospitaala  magaalaaWuuhaan keessatti akka ta’e himameera.

Haatii daa’ima kana qorannoo otuu hin da’iin dura taasisteen dhukkuba vaayrasicha akka qabdu kan beekkame yoo ta’ellee, dhukkubichi akkamiin gara daa’imaatti akka darbe wanti ifa ta’e hin jiru.

Hanga ammaatti namoonni vaayrasichaan qabaman kuma 28 ol yoo ta’an namoonni 563 vaayrasichaan du’aniiru.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.