Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii jalqabaa gaggeessaa ture ibsa ejjennoo abbaa qabxii 6 baafachuun xumure

Finfinnee, Bitootessa 4, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii jalqabaa mata duree ‘qormaatarraa gara guddinaatti’ jedhuun gaggeessaa ture ibsa ejjennoo abbaa qabxii 6 baafachuun xumuruu beeksiseera.

Haaluma kanaan ibsi ejjennichaa akka armaan gadiitti dhiyaateera:-

1.Jijjiirrama biyyaalessaa eegalame babal’isuu fi lafa qabsiisuun nageenya hunda galeessa ummataa mirkaneessuun ajandaa duraa paartichaati.

2.Tokkummaa biyyaalessaa fi nageenya ummataa bu’uura cimaarra kaa’uuf wareegamaa barbaachisu hunda kaffaluuf qophoofneera.

3.Ijaarsa sirna Diimookiraasii bu’aa qabeessa ta’e dhoguumsuuf hirmaannaa waloo ni taasiifna.

4.Diinagdee deebisaanii ijaaruu fi karoora waggaa 10 irratti hojjechuun Diinagdee biyyaa guddisuu, galiin nama dhuunfaa akka dabaluu taasiisuu fi jireenya ummataa fooyyessuu qabna.

5.Akkuma kanaan duraa Birmadummaa biyyaa mirkaneessuuf qophoofneerra.

6.Siyaasni Ityoophiyaa haala faayidaa tokkummaa sabdaneessaa obbolammaa fi obboleetummaan ilaallamuu qaba.

Paartichi yaa’ii gaggeessaa tureen dhimmoota hundarratti xiyyeeffannoo laachuun kallattii kan kaa’ee yoo ta’uu, nageenya hunda galeessaa fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf murannoon kan hojjetu ta’uu mirkaneesseera.

Yaa’ichi milkiin xumuramuu guutuu ummata biyyattiif missiraachoo isaa ibseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.