Fana: At a Speed of Life!

Dambiin ittiin bulmaataa Paartii Baadhaadhinaa haala Ityoophiyaanoota hunda hirmaachisuu danda’u ta’uun ragga’e

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC) – Dambiin ittiin bulmaataa Paartii Baadhaadhinaa haala Ityoophiyaanoota hunda hirmaachisuu danda’u ta’uun ragga’uu itti gaafatamaan Damee Hariiroo ummataa fi quunnamtii idil addunyaa paartichaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan ibsan.

Dookta Biqilaa Hurrisaan oolmaa yaa’ii Paartii Badhaadhinaa waaree boodaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Yaa’iin Paartii Baadhaadhinaa Dambii ittiin bulmaataa, sagantaa paartichaa fi filannoo Preezdaantii fi itti aanaa Preezdaantii gaggeessuu ibsaniiru.

Dambiin ittiin bulmaataa haala Ityoophiyaanoota hunda hirmaachisuu danda’u ta’ee qophaa’uu eeraniiru.

Sagantaan paartichaa yaa’ichi erga irratti mari’atee booda ragga’uu Dooktar Biqilaan ibsaniiru.

Sagantichi dhimmoota siyaasaa, Diinagdee, Hawaasummaa fi Dippiloomaasii badhaadhina Ityoophiyaa mirkaneessan kan hammate ta’uu ibsa isaaniin himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.