Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Horsiisee bultoota aanaa Mayyuu Mulluqqeef deeggarsa midhaan nyaataa gosa garagaraa kuntaala 800 taasiise

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Godina Harargee Bahaatti Horsiisee bultoota aanaa Mayyuu Mulluqqeef deeggarsa midhaan nyaataa gosa garagaraa kuntaala 800 Birrii miiliyoona 2.4 olitti timaamamu gumaacheera.

Baankichi, bakka jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa fi hoggansi aanichaa argamanitti deeggarsicha kenneera.

Bankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Bara kana hawaasa Godinaalee Oromiyaa garagaraatti Hongeen miidhamiif Birrii miiliyoona 70 baasii gochuun deeggarsa akaakuu taasiisaa jiraachuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.