Fana: At a Speed of Life!

Gabaaf Dhiyaachuu Kilaba Kubbaa Miilaa Cheelsii

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC) –Abbaan qabeenyaa kilaba Cheelsii Roomaan Abraamoovich kilabicha gurguruuf mootummaa Ingiliz waliin waliigaleera.

Biliyeenerri lammii Raashiyaa abbaan qabeenyaa Cheelsii marii mootummaa Ingiliz waliin dhimma kilabichaarratti xiyyeeffachuun taasisaniin yeroo gabaabaa keessatti akka gurguratan eeyyama argachuun ibsameera.

Abbaan qabeenya kilaba Cheelsii Roomaan Abraamoovich Preezdaantii Raashiyaa Puutiin waliin hariiroo jabaa qabuun mootummaan Ingiliz dhorkaa garaagaraa kilabicharra kaa’ee turus marii har’a gaggeeffameen kilabichi akka gurguramu waliigalteera gahamuu maddeen Ispoortii Idil-Addunyaa gabaasaniiru.

Dhimma kilaba Cheelsii gabaaf dhiyeessurratti xiyyeeffatee abbaa qabeenyaa kilabichaa Abraamoovichiifi mootummaa Ingiliz walitti fideen haalli gurgurtaa kilabichaa Dhaabbata Ameerikaa Raayin Giruup akka hordofu waliigalameera.

Haata’u malee Roomaan Abraamoovich Paawondii biiliyoona 1.5 kana dura kilabichaaf liqeessan turan akka haqan waliigalameera.

Roomaan Abraamoovich bara 2003 irraa eegalee hanga ammaa abbaa qabeenyaa kilaba Cheelsiiti.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.