Fana: At a Speed of Life!

Sirni gaggeessaa Eebbifamoo Abunee Marqooreewoos Addabaabayii Masqalaatti raawwate

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC) – Sirni gaggeessaa  Paatiriyaarikii Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii 4ffaa eebbifamoo Abunee Marqooreewoos Addabaabayii Masqalaatti raawwateera.

Sirna gaggeessaa kanarratti Paatiriyaarikii Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii eebbifamoo Abunee Maatiyaas dabalatee abbootiin amantaa fi hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.

Paatiriyaarkii 4ffaa Mana Amantaa Ortodooksi Tawaahidoo Ityoophiyaa eebbifamoo Abunee Marqoriyoos rakkoo Fayyaa isaan muudateen Hospitaala Halleeluyaatti yaallamaa turuun  Gurraandhala 25 ,2014 Addunyaa kanarraa boqachuun isaanii  kan yaadadatamuudha.

Sagantaa gaggeessaa kanarratti Paatiriyaarikiin mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Abunee Maatiyaas, abbootii amantaa biroo fi hoggantoonni hojii mootummaa  argamaniiru.

Dabalatanis abbootiin Amantaa dhaabbilee amantaa adda addaarra walitti babba’iinii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa argamaniiru.

Minichil Azzazawutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.