Fana: At a Speed of Life!

Mariiwwan Raashiyaa fi Yuukreen giddutti taasifameen jijjiirramni fooyya’aan muul’ateera-Preezdaant Puutiin

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC)- Mariiwwan Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti gaggeeffamee waliigaltee malee xumuramuus jijjiirramnii fooyya’aan muul’achuu Preezdaantiin Raashiyaa Viildaamiir Puutiin dubbataniiru.

Preezdaantichi gita isaanii Beelaaruus Aleeksandaar Looksheenkoo waliin marii taasisaniin, guyyoottan darban keessatti mariiwwan taasifamaniin jijjiirramnii gaariidhaa jedhaman muul’ateera.

Tumsa olaanaan Mooskoo fi Miinsiik gidduu jiru kan dinqisiifataan Preezdaant Puutiin, haala qabatamaa Yuukreenii fi mariiwwan yeroo itti aanaaniif gaggeeffamaan ilaalchisee Preezdaantichi Looksheenkoo ibsa kan taasisaan ta’u himaniiru.

Preezdaant Looksheenkoo jijjiirramaa siyaasa taasisaa jiraniin guddina diinagdeef kan fayyaduu fi biyyisaanii akka tasgabbooftuuf kan tumsuu ta’uu preezdaant Puutiiniif himaniiru.

Raashiyaa fi Beelaaruus yeroo rakkisaa kana darbuun birmadummaasaanii biyyoota kabachiisaan akka ta’aan na amanaa jechuun Puutiin himuusaanii Prees Tv gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.