Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen teessoo hunda keenyaa, ibsituu sabdaneessummaa fi agarsiiftuu Tokkummaati – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC) – Finfinneen teessoo hunda keenyaa, ibsituu sabdaneessummaa fi agarsiiftuu Tokkummaati jedhan Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Yaa’ii Jalqabaa Paartii Badhaadhinaa mata duree ‘Qormaatarraa gara guddina waaraatti’ jedhuun gaggeeffamaa jiru ilaalchisee sagantaan Affeerraa Irbaataa Paarkii Michummaatti gaggeeffamaa jira.

Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii jalqabaa isaa Finfinneetti gaggeessurratti keessummoota hirmaataniin Finfinnee keessummaa jettee osoo hin taane ijoollee koo jechuun simatti jedhan Aadde Adaanach haasawa baga nagaan dhuftanii taasiisaniin.

Sababni isaa ammoo Finfinneen teessoo hunda keenyaa ibsituu sabdaneessummaa fi agarsiiftuu Tokkummaati waan taateef jedhan.

Saganticharratti hirmaattoonni guutuu biyyattiirraa walitti dhufanii fi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Agarsiifni garaagaraa eenyummaa Ityoophiyaa ibsan dhiyaachaa jiraachuu ragaan waajjira kaantibaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.