Fana: At a Speed of Life!

Bakka buutoonni Paartii ANC Yaa’ii Paartii Badhaadhinaarratti hirmaachuuf Finfinnee galan

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Bakka buutoonni Paartii ANC Afrikaa Kibbaa Yaa’ii Paartii Badhaadhinaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Biyyaalessaa Paartichaa Proofeesar Iqibaal Jaazbihaay fi Hojii gaggeessaa olaanaan paartichaa Feebee Paatgeetar Finfinnee galaniiru.

Keessummoonni kunneen wayita Buufata Xiyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo dabalatee hoggantoota olaanoo mootummaa biroon simannaan taasiifameefira.

Paartiin Afrikaa Kibbaa ANC erga hundaa’ee waggaa 110 kan lakkoofsise yoo ta’uu, sirna kabaja hundeeffama isaa 108ffaarratti Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamanii turan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.