Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Gudaritti rasaasni kumni 3 fi 206 to’atame

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee magaalaa Gudaritti rasaasni seeraan alaa garee Shororkeessaa Shaneef geejjibsiifamaa ture kumni 3 fi 206  to’atamuu poolisiin ibseera.

Rasaasni kun ka’umsi isaa magaalaa Adaamaa kan ta’e gara Wallaggaatti konkoolaata fe’umsaa  daakuu qamadii kuntaala 100 fe’ee adeemuun dhoksuun imalchiisaa kan jiru ta’uu himameera.

Qaamoleen yakkicharratti hirmaatanis to’annoo seeraa jala ooluu ragaan Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaarra argame ni muul’dhisa.

Haaluma walfakkatuun Magaalaa Ambootti Meeshaalee waraanaa seeraan alaa bireeniin 3 fi Rasasa 7 daddabarfamuuf yaalaamaa ture to’atameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.