Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Priimayeer Liigii Ityoophiyaa sababa tapha garee biyyaaleessan yeroo 3ffaaf adda cite

\Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) – Taphoonni Priimayeer Liigii Ityoophiyaa sababa tapha gareen biyyaaleessaa gita isaa Koomooroos waliin qabuun yeroo 3ffaaf adda citeera.

Taphoonni marsaa jalqabaa xumuramuu hordofee sagantichi boqonnaa guyyaa 15 booda kan eegalamu ta’uu ibsamus, dorgommichi yeroo 3ffaaf dheerachuu ibsameera.

Sababni isaas Gareen Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha michummaa gita isaa Koomooroos waliin taasiisuun ta’uu eerameera.

Gareen Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa gara Koomooroositti imaluun Bitootessa 16, 2014 tapha michummaa erga gaggeessee booda Taphoonni Priimayeer Liigii marsaan 2ffaa Bitootessaa 21, 2014 eegalee magaalaa Adaamaatti ni taphatama jedhame.

Taphoonni marsaa 2ffaa kunneen Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Waldaa Aksiyoonii Priimayeer Liigachaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.