Fana: At a Speed of Life!

Godina Baaleetti qonnaa fi horsiise bultoonni kaappitaala Birrii miiliyoona 113 ol galmeessisan gara abbootii qabeenyaatti ce’an

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Godina Baaleetti qonnaan bultoonnii fi horsiise bultoonni adda duree 21 kaappitaala Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 13 ol galmeessisan gara abbootii qabeenyaatti ce’uu ibsame.

Qonnaan bultoonnii fi horsiise bultoonni gara abbootii qabeenyaatti ce’an kunneen guyyaa har’aa magaalaa Roobeetti Waajjira Invastimantii fi Indaastirii godinichaa waliin sanada waliigaltee waliif mallatteessaniiru.

Qonnaan bultoonnii fi horsiise bultoonni adda dureen gara damee invastimantii garaagaraatti akka bobba’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu hoggantuun Waajjira Invastimantii fi Indaastirii godinichaa aadde Sa’aadaa Ismaa’eel ibsaniiru.

Qonnaan bultoonnii fi horsiise bultoonni guyyaa har’aa beekamtiin kennameef tokkoon tokkoo isaanii kaappitaala ka’umsaa miiliyoona 1.5 hanga miiliyoona 20 kan galmeesisan ta’uu eerameera.

Qonnaan bultoonnii fi horsiise bultoonni kunneen damee qonnaa, Agroo Proosesiingii, tajaajilaa, manuufaakchariingii fi kanneen biroorratti bobba’uuf karoora hojii dhiyeessuu fi lammiilee kuma 1 oliif carraa hojii ni uumu jedhamee kan eegamu ta’uu ibsameera.

Lafti invastimantiif oolu heektaarri 100 ol qonnaan bultootaa fi horsiise bultoota kanneeniif qophaa’uu aadde sa’aadaan kaasaniiru.

Qonnaan bultootaa fi horsiise bultoota gara invastimantiitti ce’an kanneeniif gama teeknooloojii, dhiyeessii galtee fi maallaqaan deeggarsi barbaachisu kan taasifamu ta’uu eeraniiru.

Godinichatti yeroo ammaa abbootiin qabeenyaa kaappitaalaa Birrii biiliyoona 2.8 galmeessisan 145 damee misoomaa garaagaraarratti bobba’anii jiraachuu ibsameera.

Abbootiin qabeenyaa kunneen lammiilee kuma 28’f carraa hojii uumuu ibsameera.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.