Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsii Lixaatti Miseensonni Shanee Karaa nagaan harka laatan

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti Miseensonni Shanee Karaa Nagayaan Qajeelcha Poolisii Godinichaatti harka laachuu ibsameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Arsii Lixaa Komaandar Geetaachoo Taayyee,Sochii Hoggansi Siyaasaa fi Qaamoleen Nageenyaa Abbootii Gadaa fi Hawaasa Bal’aa Waliin taasisaniin Miseensonni Shanee karaa nagaan harka kennachaa jiraachuu ibsaniiru.

Miseensonni Shanee kunniinis Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsiitti harka kennataniiru jedhame.

Kana boodas hawaasni hunduu Nageenya Uummata Godinichaa eeguuf qaamolee Nageenyaa waliin tumsuun Miseensonni Shanee Bosonatti hafanis harka akka kennataniif waamicha dhiyeessuu OBN gabaaseera.

Hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Arsii Lixaa Gargaaraan Komishinaraa Darajjee Baayyuu Uummanni Godinaa Arsii Lixaa,Nageenya Kabachiisuuf deeggarsa taasisan galateeffataniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.