Fana: At a Speed of Life!

Zayitiin liitirri kumni 50 Karaa seeraan alaa konkolaataarraa buufamaa ture to’atame

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Magaalaa Harariitti zayitiin liitirri kumni 50 Karaa seeraan alaa man kuusaa keessatti konkolaataarraa buufamaa ture to’atamuu Biiroon Daldala Magaalaa Hararii beeksise.

Zayitichi konkolaataa fe’umsaa lakkoofsi gabateesaa 3- 29490 ET ta’erraa karaa seeraan alaa man-kuusaa naannoo Hammaareessaatti argamu keessatti osoo buusuu to’atamuu hogganaan biirichaa obbo Bushraa Aliy ibsaniiru.

Ka’umsi isaa buufata Jibuutii ta’uu fi naannichatti raabsuuf yaadamee akka ture ibsameera.

Zayitichi eeruu uummatni qaamolee nageenyaan ga’een to’atamuu fi konkolaachisaan konkolaatichaa yeroo bakkichaa miliquu ibsaniiru.

Zayitiin qabame maaneejimantiin biirichaan irratti mari’atee murtoo darbuun hawaasaaf gatii madaalawaan kan raabsamu ta’uu dubbataniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.