Fana: At a Speed of Life!

Mariin bunaa fi duudhaalee aadaa Ityoophiyaa lammiilee chaayinaatti beeksisuuf dandeessisu gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaan Chaayinaatti Preezdaantii giddugala buna Ityoophiyaa Yu’aanwii Guu’oo waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Tashoomaan Yu’aanwii Guu’oo waliin haala bunaa fi duudhaalee aadaa Ityoophiyaa lammiilee Chaayinaatti beeksisuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.

Giddugalichi Bitootessa 2019 Chaayinaatti Imbaasii Ityoophiyaa fi dhaabbata “Hoon Cheen Kaalchar Kominikeeshin Teeknooloojii” jedhamuun kan hundaa’e ta’uu fi buna Ityoophiyaa lammiilee Chaayinaatti beeksisuu fi gabaaf dhiyeessuun ga’ee olaanaa ba’achaa jiraachuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.