Fana: At a Speed of Life!

Godinni Horroo Guduruu Wallaggaa godina Harargee Bahaatti lammiilee  hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa taasise

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Godinni Horroo Guduruu Wallaggaa godina Harargee Bahaatti lammiilee  hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala 370 taasiseera.

Godinichi haalli rakkoo nageenya osoo  isaa hin daangessiin fageenyaa dheeraa imaluun deeggarsi taasisaniif kutaalee hawaasaa biroof fakkeenya Kan ta’u ta’uu Itti gaafatamtuun waajjira  Bulchinsaa Godina Harargee Bahaa addee Fadilaa Daawud wayita deeggarsicha fuudhan ibsaniiru.

Godina Horroo Guduruu wallaggaa bakka bu’uun deeggarsicha kan kennan obbo Odaa Qabulaa hawaasaa keenyaa godina harargee bahaa rakkoo hongeen midhaman cinaa dhaabbachuu keenya ibsuu fi jajjabeesuuf dhufne jedhan.

Gara fuuladuraattis deeggarsi taasisan kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

Itti gafatamaa wajjira sodaa balaa fi kaafamtoota misoomsa godina harargee baha obbo  Nuuree mahaammad godinichatti aanaaleen 6 hongeef saaxilamu kaasaniiru.

Hongee mudate humna mootummaan qofa dandamachiisuun waan  hin danda’amneef  deeggarsa dhabbiileen garaagaraa taasisaniin hanga ammatti midhaan nyaataa kuntaalli kuma 1 fi 800  8 ol walitti qabamu eeruu gama nyaataa beelladattiin hanqinni jiraachuu ibsaniiru.

Misiruu Turiitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.