Fana: At a Speed of Life!

Faransaay deeggarsa hunda galeessa Ityoophiyaaf taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Faransaay deeggarsa hunda galeessa Ityoophiyaaf taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu beeksiifte.

Gorsaan Mana Maree Federeeshinii fi itti gaafatamaan waajjira mana marichaa Dooktar Zallaqaa Tamasgeen itti aanaa Preezdaantii Koree Dhaabbii Dhimmoota alaa, Raayyaa Ittisaa fi Nageenyaa Mana Maree Faransaay Ooliivar Kaadiiknii waliin mari’ataniiru.

Michummaan biyyoota lamaanii jaarraa tokkoo ol kan lakkoofsiise ta’uu Dooktar Zallaqaan ibsuun, deeggarsa Bu’uuraalee Misoomaa fi Diinagdee Faransaay taasiifte dinqisiifataniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii yeroo gara yerootti dabalaa dhufuu fi ammas cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Waldhabdeen Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti uumame karaa nagaa fi mariin akka furamu Ityoophiyaan fedhii qabaachuu eeraniiru.

Ooliivar gama isaaniin Mootummaan Faransaay deeggarsa hunda galeessa Ityoophiyaaf taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Mana Maree Federeeshiniirraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.