Fana: At a Speed of Life!

Magaalichaatti namoonni garee fi dhuunfaan konkolaattoota hataa turan to’annaa jala oola

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namoonni garee fi dhuunfaan konkolaattoota hataa turan 21 qorannoo fi sakattoo taasifameen to’annaa jala ooluu Poolisii magaalichaa beeksiseera.

Konkolaattoota hatamaniis deebifamuu poolisiin beeksiseera.

Namoonni 16 gurmaa’uun namoonni 5 ammoo dhuunfaan konkolaataa haatan kunneen to’atamuu ibsameera.

Yeroo amma kana shakkamtoota kanarratti qorannoon taasifamaa jiraachuu ragaan poolisii magaalaa Finfinneerra argame ni muuldhisa.

Abbootiin qabeenya konkolaattootaas of eeggannoo barbaachisaa taasisuun itti gaafatamuummaa isaanii akka ba’aan poolisiin yaadachiiseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.