Fana: At a Speed of Life!

Biyyattitti dubartoota itti gaafatamuummaaf ga’oomsuu ilaalchisee guddinni hin tuffatamne galmaa’eera-Pr Saahilawarq

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee waggoottan darbaniif biyya keenyaatti dubartoota itti gaafatamuummaaf ga’oomsuu ilaalchisee guddinni hin tuffatamne galmaa’eera jedhan.

Biyyattitti walqixxummaa dubartoota, mirga isaanii egsiisuu, dandeetti hubannoo gabbisuu, itti gaafatamummaaf ga’oomsuun guddinni hin tuffatamnee galmaa’eera jedhan.

Preezdaantittiin guyyaa kabaja dubartootaa March 8 sababeeffachuun erga dabarsaniru.

Dubratootaa guutuu biyyatti jiran maraafis baggaa guyyaa kanaan isin gahe jedhaniiru.

Akkasumas baatiwwan 15 darbaniif waraanaa gaggeeffameen balaawwan muudataniin dubartootarra miidhaan gaheera akkasumas qe’ee fi qabeenyasaanirra buqqa’aniiru jedhan.

Gama biraatinis umrii isaanii ijoollummaan miseensoonni

dubartoota raayyaa ittisa biyyaa hojii boonsaa hojjetan jiru jedhaniiru erga isaaniin.

Hundi keenya dubartoonnis ta’ee dhiironni waltumsinee qabsoo eegalamee galmaan ni geenya jedhaniiru.

Qabsoon dubartoota qofaan taasifamuu hin jiru.qabsichi kan hawaasa maraati jedhan.

Humnaa fi beekumsa keenya walitti qabu qabna.dhaabbilee miti mootummaa dhimma dubartootaarratti hojjetan, waldaaleen siiviilii waloon hojjechuutu irraa eegamas jedhaniiru.

Dubartoonni kaayyoo haleellaa fi gudeedamuu ta’uu hin qaban. Dhaadannoorra darbees hojjechuun nurraa eegamas jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.