Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyaalessaa Ityoophiyaa galma akka ga’uuf Jaappaan deeggarsa ni taasifti- Ambaasaaddara Jaappaan

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Mariin biyyaalessaa Ityoophiyaa galma akka ga’uuf Jaappaan deeggarsa barbaachisaa ta’e kan taasiftu ta’uu Ityoophiyaatti  Ambaasaaddarri Jaappaan Itoo Taakaakoon ibsan.

Tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa waliigaltee biyyaalessaa uumuuf taasisu Jaappaan dinqisiifannaan kan ilaaltu ta’uu kaasaniiru.

Waggoottan dheeraa dura waraanni walii waliinii hawaasa Jaappaan gidduutti haaloo uumuu fi karaa araaraa furuun danda’amuu yaadachiisaniiru.

Waraana walii waliiniin namoonni hedduun du’anis kanneen miidhaman jiraatanis Jaappaan araaraa fi waldanda’uun keessa darbitee gara boqonnaa haaraatti ce’uu eeraniiru.

Mariin biyyaalessaa Ityoophiyaas uummata Ityoophiyaaf faayidaa hedduu fidee kan dhufu ta’uu amantaa qaban ibsaniiru.

Ityoophiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf mariin biyyaalessaa faayidaa guddaa kan qabu ta’uu ibsuun marichi galmasaa akka ga’uuf Jaappaan deeggarsa barbaachisaa ta’e kan taasistu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.