Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti Feestivaalaa fi Egzibiishinii aadaa uummattoota Baha Afrikaa gaggeessuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Feestivaalaa fi Egzibiishinii aadaa uummattoota Baha Afrikaa gaggeessuuf mariin gaggeeffamuu ibsame.

Qophichi ga’ee aadaa fi aartiin maqaa gaarii biyyaa guddisuu keessatti  qabu guddisuuf, oomishaalee hojii harkaa fi agarsiisa aartii aadaa sabaa fi sab-lammootaa beeksisuuf, waltajjii muuxannoo waljijjiirraa uumuun dippiloomaasiin aadaa, daldalaa fi walitti hidhamiinsi naannawaa akka guddatuuf haala mijataa uumuun faayidaa hawaasummaa, Siyaasaa fi diinagdee damicharraa argamu guddisuurratti yaadamee qophaa’uu Daayrektarri deeggarsa misooma aadaa fi indaastririi obbo Tafarii Takluu ibsaniiru.

Karoorri isaa Ministirootaa fi qaamolee dhimmi ilaallatuuf ibsamuu erameera.

Qophichi aadaalee dinqisiisoo, qabeenya uumamaa fi filannoowwan invastimantii Ityoophiyaan qabdu kan biyyoota Afrikaa Bahaa waliin walitti hidhuun gatii guddaa qabaachuu kan itti amanamee fi abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaaf carraa gaarii kan uumu ta’uu ibsameera.

Feestivaallii fi Egzibishinichi baatii Bitootessaa magaalaa Finfinnee Paarkii Michummaatti qopheesuuf karoorfatamuu ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortiirraa argame ni mul’isa.

Qophicharratti biyyoonni akka Eeritiraa, Jibuutii, Somaaliyaa, Ugaandaa, Ruwaandaa, Keeniyaa, Sudaan Kibbaa fi Sudaan ni hirmaatu jedhameet eegama.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.