Godina Booranaatti Proojektiin Bishaan Dhugaatii waggoota 14 dura eegalame hanga ammaatti hin xumuramne
Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Godina Booranaatti Proojektiin Bishaan Dhugaatii waggoota 14 dura baajata mootummaa Birrii biiliyoona 5 eegalame hanga ammaatti hin xumuramne jedhame.
Ijaarsi isaa mootummaa Federaalaa kan gaggeeffamu Proojektiin kun diriirsa Ujumoo Bishaanii Kiiloo meetira kuma 2 kan qabu yoo ta’u, sadarkaa 5 xumuruuf karoorfamee turuu ibsameera.
Ijaarsa isaas waggaa 5 keessatti xumuruuf karoorfamee ture.
Ijaarsa Proojektichaa dhugoomsuuf waggaa darbe yeroo 2ffaaf Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaaf laatamuu hoggantoonni godinichaa ibsaniiru.
Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa waliigaltee fudhachuun erga hojiitti seenaa waggaa tokko ta’uu fi ammas Proojektichi saffisa barbaaddamuun imalaa kan hin jirre ta’uu himameera.
Akka Godinichaattis rakkoo bulchiinsa gaarii ta’ee itti fufuus eeraniiru.
Bara darbee kaasee waggaa 1 fi Baatii 6 keessatti ni xumurama jedhamus ammas raawwiin isaa % 37.5 irra jiraachuu himameera.
Proojektichi yeroo kaa’ameef keessatti osoo xumuramee turee, hongee yeroo ammaa godinicha muudateef furmaata ta’uu danda’a ture jedhameera.
Waliigalteen duraa sababa dizzaayiniin osoo hin milkaa’iin hafuu fi isa 2ffaa akkaatuma waliigalteen xumuruuf hojjetamaa jiraachuu Itti aanaa Hojii Raawwachiisaa olaanaan Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa Injiinar Kifluu Lammaan ibsaniiru.
Hojiin diriirsa sararoota bishaanii yeroo jedhame keessatti xumuramus Proojektichi ummataaf tajaajila laachuu hin dandeenya jedhan Injiinar Kifluun.
Sababni isaas meeshaaleen Elektiroo Makaanikaalaa kana dura dhaabbatan kan hin hojjenne ta’uu isaan akka haaraatti dhaabbachuu waan qabaniif ta’uu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.