Fana: At a Speed of Life!

Jibuutiin meeshaaleen Alaa galan Buufata isheerraa saffisaan gara Ityoophiyaa akka seenaan tumsaan hojjechuuf waliigalte

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Jibuutiin meeshaaleen Alaa galan Buufata isheerraa saffisaan gara Ityoophiyaa akka seenaan tumsaan hojjechuuf waliigaluu ibsite.
Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaan Birihaanuu Tsaggaayeen dura taa’aa Abbaa Taayitaa Buufataalee fi naannawaa bilisaa Jibuutii Abbubakar Umar Haaddii waliin daldal naannawaa bilisaa idila addunyaa Jibuutiirratti mari’ataniiru.
Dhimmoota hedduurratti marii bu’aa qabeessa taasiisuun waliigalteerra ga’uu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa fi Jibuutii kan walqunnamsisu ijaarsa daandii Aspaaltii Gaalaamoo – Mooluudi saffisaan xumursiisuun gara hojiitti galchuuf qaamoleen lamaan waliigalaniiru jedhame.
Meeshaaleen Alaa galan Buufata Jibuutiirra akka yeroo dheeraaf hin turre, baasii xiqqaa fi saffisaan imaluun gara Ityoophiyaa akka seenaan Jibuutiin tumsaan kan hojjettu ta’uu ibsiteerti.
Dhaamaatii daandirratti muudatus furuuf waliigalaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.