Ibsa Humna Waloo nageenyaarraa laatame
Finfinnee, Gurraandhala 26, 2014 (FBC) – Humni Waloo Nageenyaa FDRI haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.
Humni Waloo Nageenyaa FDRI ummata magaalaa Finfinnee ayyaanoota idil addunyaa, Ardii fi Biyyaaleessaa rakkoo nageenyaa tokko akka kabajamuu fi maqaa gaarii biyyaa haala ijaaruun hojjechatamaa turuu ibseera.
Yaa ta’uutii tibbana Paartileen Siyaasaa tokko tokko, garee fi namoonni dhuunfaan injifannoo Adwaa haala hoo’an kabajamee fi guyyaa har’aa ammoo guyyaa yaadannoo Kaarramaaraa kabajameerratti sabaa fi sablammoota gidduutti walitti bu’iinsi akka uumamu sochii taasiisaa turuu ibseera.
Qaamolee nageenyaa tasgabbii ummataa kabachiisuuf halkanii fi guyyaa dhama’an irratti jechoota jibbiinsaa fi qaanessaa ta’een arrabsaa oolaniiru.
Qaamoleen nageenyaa gara walitti bu’iinsa hin barbaachiifneetti akka hin galamne tattaaffii olaanaa taasiisuu Humni Waloo kun ibseera.
Yaa ta’uutii qaamoleen nageenyaa qocholoo hunda obsaan darbuun ayyaannicha karaa nagaan akka kabajamu taasiisuu eereera.
Qaamoleen kunneen seeraa fi heera hordofuun yaada isaanii karaa diimokiraatawaa ta’een iddoo eeyyamameefitti ibsachuu osoo danda’anuu, ta’e jedhanii sabaa fi sablammoota,akkasumas amantaalee gidduutti walitti bu’iinsi akka uumamu ifatti socho’aa turee humni waloo kun bira ga’uu ibseera.
Humnoonni kun adeemsaa fi gochaa seeraan alaa kanarraa yoo of hin qusanne Humni Waloo nageenyaa tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’uu hubachiiseera.
Nagaa jaalattoonni ummanni magaalaa Finfinnee haala kana hubachuun qaamolee nageenyaa waliin ta’uun naannoo isaa si’oominaan eeggachuu akka qaban gaafateera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.