Marii biyyaalessaarratti uummanni hirmaannaa ho’aa akka taasisuuf dhaabbilee siiviilii hawaasaarraa ga’ee olaanaatu eegama jedhame
Finfinnee, Gurraandhala 26, 2014 (FBC) – Marii biyyaalessaarratti uummanni hirmaannaa ho’aa akka taasisuuf dhaabbileen siiviilii hawaasaa ga’ee olaanaa isaanirraa eegamu akka ba’ataniif Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa yadachiise.
Waltajjiin marichaa seenaa Ityoophiyaa keessatti carraa addaa waan ta’eef milkaa’ina isaaf deeggarsii fi hirmaannaan uummataa kan barbaachisu ta’uu ibsameera.
Dhaabbileen siiviilii hawaasaa bakka bu’oota hawaasaa waan ta’aniif marii biyyaalessaarratti hawaasni hirmaannaa ho’aa akka taasisuuf hojii hedduu hojjechuu akka qabu Daayrektarri olaanaan abbaa taayitichaa Jimaa Dilboo eeraniiru.
Komishinii marii biyyaalessaa hundeessuuf Ministeerri Haqaa labsi wayita Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyeessetti dhaabbileen siiviilii hawaasaa bal’inaan hirmaachuu yaadachiisuun hirmaanaan isaa cimee itti fufuu akka qabu himaniiru.
Dhaabbileen siiviilii hawaasaa milkaa’ina marichaaf dursee hojii uummata dadammaqsuu, hubannoo uumuu fi ibsa laachuu hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Komishinichi dandeettii guutuun gara hojiitti wayita galuttis ta’e hojii haalduree wayita hojjetutti dhiyeenyatti deeggaruu akka qaban eeraniiru.
Adeemsi marichaa milkaa’aa fi olaantummaan yaadaa kan irratti calaqqisu akka ta’uuf waldhageettii fi yaada bilisaa kennuun lammii hundarraa kan eegamu ta’uu ibsameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.