Fana: At a Speed of Life!

Hojiin babal’ina bu’uraalee misooma magaaloota doolaara Ameerikaa miliiyoona 859 gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Sagantaan babal’ina bu’uraalee misooma magaaloota Doolaara Ameerikaa miliiyoona dhibba 8 miliiyoona 59n gaggeeffamaa jira.

Sagantichi magaaloota 117 keessaatti hojirraa oolaa jiraachuu Ministeerri Misooma Magaalaa fi Konistiraakshiini beeksiseera.

Minsteerichi sagantaa babal’ina bu’uraalee misooma magaaloota gara boqonnaa sadaffatti ce’aa jiru ilaalchisuun ibsa laateera.

Sagantichi yeroo jalqabaaf bara 2001 magaaloota 19 irratti hojiirra kan oolee yoo ta’u, marsaa lamaffaarratti ammoo bajataa isaa guddisuun magaaloota 44 irratti hojirra olee jira.

Itti gaafatamaan Fooyya’iinsa galii, Moobaalaayzeeshiinii fandii fi faayinaansii Ministeera misooma magaalaa fi konistiraakshiinii obbo Amlaakuu Addaamuun, sagantaan babal’iina bu’uraalee misooma marsaa 3ffaa bara 2011 eegalee baajata Doolaara Ameerikaa miliiyoona dhibba 8 miliiyoona 59n hojirraa oolaa jira jedhan.

Sagantichi magaaloota keessatti carraan hojii akka umamu, bu’uuraaleen misooma garagaaraa fi hojmaanni akka diriirfamuu,akkasumas dandeettii raawwii magaaloota guddisuuf shoora olaanaa ba’aa jira jedhaniiru.

Magaaloota Sagantichi hojirra oole keessatti dargaggoota kuma dhibba 8f carraan hojii uummamuu ragaan ministeerichaa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.