Fana: At a Speed of Life!

Diyaaspooraan baatiiwwan 7 darbanitti Doolaara biiliyoona 2.3 ol karaa seera qabeessaan gara biyyaa erguu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2014 (FBC) – Diyaaspooraan baatiiwwan 7 darbanitti Doolaara biiliyoona 2.3 ol karaa seera qabeessaan gara biyyaa erguu Ejensiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa beeksise.

Baatiiwwan 7 darbanitti Doolaara Biiliyoona 2.3 karaa seera qabeessa gara biyyaa erguuf karoorfatame Doolaarri biiliyoonni 2.35 ergamuu ibsameera.

Bara baajatichaan Reemiitansii Doolaara biiliyoona 4 walitti qabuuf karoorfatamuu eerameera.

Dabalataanis baatiiwwan 7 darbanitti miseensonni diyaaspooraa kumni 4 fi 83 baankiiwwan biyya keessaatti Doolaara miiliyoona 4 fi kuma dhibba 9 fi kuma 53 fi 333 akka olkaa’atan karoorfamee diyaaspooronni kumni 4 fi 7 Doolaara miiliyoona 3 ol olkaa’achuu ibsameera.

Diyaaspooronni gama marsaritii “Ayizoon Ityoophiyaa” sababa waraanaan lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii fi akaakuu biiliyoona 1 ol taasisuu eerameera.

Baatiiwwan 7 darbanitti Raayyaa Ittisa Biyyaa fi duula birmadummaa biyyaaf deeggarsa Birrii fi akaakuu miiliyoona 109 ol taasisuu ejensichi ibsera.

Gama biraatiin baatiiwwan 7 darbanitti diyaaspooronni hojiilee 895 invastimantii fi daldalaarratti bobba’uuf fedhii agarsiisuu ibsamera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.