Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni miiliyoonni 20.8 talaalli vaayrasii koroonaa fudhachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti hanaga ammaatti namoonni miiliyoonni 20 fi kumni dhibbi 8 talaalli vaayrasii koroonaa fudhachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Duula talaallii vaayrasii koroonaa marsaa 2ffaa ilaalchisee Daayrektarri kominikeeshinii Ministeera Fayyaa Dooktar Taganee Raggaasaan miidiyaalef ibsa laataniiru.

Ityoophiyaatti hanga yoonaatti talaalliin doozii miiliyoona 25 fi kuma dhibba 4 fi kuma 33 fi 752 kennamuu, kanneen keessaa namoota miiliyoona 20 fi kuma dhibba 8 fi kuma 37 fi 740 laatamuu ibsaniiru.

Ministeerichi tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf talaalliisaa bal’inaan gara biyyaa galchaa jiraachuu fi lammiileen gahuuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Duula talaallii vaayrasii koroonaa marsaa 2ffaan namoota miiliyoona 14 talaalliin kennamuu fi kanneen keessaa miiliyoonni 12 magaalaa Finfinneetti kan fudhatan ta’uu himaniiru.

Duulli talaallii vaayrasii koroonaa marsaa 2ffaa torbanoota lammaan dura eegale bu’a qabeessaa ta’uu eeraniiru.

Rakkoolee marsaa duraan mudatan adda baasuunii fi hojii hubannoo uumuu hojjechuun bu’aan argamuu ibsaniiru.

Duulichaaf talaalliin vaayrasichaa miiliyoonni 20 gara naannoleetti ergamuu fi naannolee Afaar, Sidaamaa fi Uummattoota Kibbaatti raawwiin hojii fooyya’aan galmaa’uu dubbataniiru.

Naannolee hafanitti hojiileen hafan akka jiran kaasaniiru.

Weerara vaayrasichaa ittisuuf talaalliisaa fudhachuun barbaachisaa ta’uu fi hawaasni gara buufataalee talaalliin kennamuu deemuun fudhachuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru.

Haymaanot Iyyaasuutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.