Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa fi Yuukreen sarara daddabarsa namoomaa qopheessuuf waliigalan

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2014 (FBC) – Raashiyaa fi Yuukreen walga’ii 2ffaa guyyaa kaleessaa Beelaaruusitti gaggeessaniin lammiileen naannawaa waraanaa keessaa akka ba’aniif  sarara daddabarsa namoomaa qopheessuuf waliigaluu gabaafameera.

Lammiilee nagaa naannawaa waraanaa keessaa baasuu fi deeggarsa namoomaa akka argatan taasisuuf waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’uu gorsaan Preezdaantii Yuukreen Maaykaahiiloo Poodooliiyaak gama Twiitara isaaniin beeksisaniiru.

Sararichi lammiilee nagaa miidhaa waraanaarraa baraaruuf kan banamu ta’uu eeraniiru.

Bakka bu’oonni biyyoota  lameenii dhimmoota waraanaa, namoomaa fi walitti bu’iinsichaaf furmaata siyaasaa kennuun haala danda’amurratti mari’achuu dursaan garee jila Raashiyaa Vilaadmiir Meediinskii ibsaniiru.

Marichaan dhimmoota tokko tokkorratti waliigalteerra ga’uu eeruun dhimmoota namoomaarratti waliigalteerra ga’uun guddina guddaa ta’uu kasaniiru.

Mariin nageenyaa marsaa 3ffaan yeroo dhiyootti gaggeeffamuu akka danda’u CGTN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.