Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Sudaan gama damee inarjiin hariiroo isaanii cimsuuf walii galteerra ga’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Sudaan gama damee inarjiin hariiroo isaanii cimsuuf walii galteerra ga’uu ibsameera.

Sudaanitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa Yibalxaal Aimiroon Eeggataa Ministira Ministeera Albuudaa fi Inarjii Sudaan Mahaammad Abdallaa waliin haala damichaan biyyoonni lameen irratti waldeeggaruun danda’amurratti mari’ataniiru.

Mariisaaniin biyyoonni lameen damee inarjiin haala waldeeggaruu danda’anii fi dhimma Ityoophiyaan yeroo ammaa Sudaaniif human elektirikaa dhiyeessaa jirturratti mari’achuu ibsameera.

Dabalataanis hojii diriirsa sarara elektirikaa Ityoophiyaan fuulduratti Sudaaniif anniisaa elektirikaa dhiyeessituuf hojjetamaa jirurratti mari’achuu eerameera.

Hariiroo gama damichaan jiru daran cimsuu fi walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waliigalteerra ga’uu ragaan Sudaanitti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.