Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Gumbii Bordoddeetti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2014 (FBC)- Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii-Bordoddee gabda Dirree Qaalluutti balaan tirafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbuu ibsameera.

Namoota 23 irra balaa cimaa fi Salphaan gaheera.

Konkolataan Boottee wal harkisu Finfinneerraa gara Jibuutitti imalaa jiruu fi konkolaataan deddeebisaa ummataa Ciroorraa Gara Adaamaatti imalaa ture walitti bu’uun balichi qaqqabuu Qindeessaan Tiraafikaa Aanaa Gumbii Bordoddee Saajiin Olaanaan Umar Usmaan himaniiru.

Balaan kuniis kan muudate Of eeggannoo malee konkolaachisuurra kan uumamee tahuu fi Bootteen wal harkisu karaa isaa gadhiisee konkolaataa deddeebisaa Ummataatti bu’uun balaan kun akka qaqqabee Saajin Umar himuusaanii ragaan Kominikeeshinii aanaa Gumbii Bordoddeerra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.