Fana: At a Speed of Life!

Ministeeroonni lamaan tumsaan hojjechuuf sochii eegalan bu’aa qabeessa taasiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsame

Finfinnee,Gurraandhala 24, 2014 (FBC) – Ministeerri Magaalaa fi Bu’uraalee Misoomaa Ministeera Hojii fi Kalaqaa waliin dhimmoota biyyaalessarratti tumsaan hojjechuuf sochii eegalan bu’aa qabeessa taasiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Manneen hojii lamaan yeroo itti aanu qorannoo fedhii leenjii kalaqa fi teeknooloojiirratti hojiilee raawwatamuu qaban ilaalchisee karoora qophaa’eerratti mari’ataniiru.
Mariin Ministira Ministeera Magaalaa fi bu’uraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii fi Ministira Ministeera Hojii fi Kalaqaa Aadde Mufariyaat Kamiiliin durfamu har’a gaggeeffameera.
Dhimmoota biyyaalessarratti tumsaan hojjechuu sochii eegalan bu’aa qabeessa taasiisuuf haalawwan dandeessisanirratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Hanqina kenniinsa tajaajila dame manneen Qopheessaaa fi tajaajilawwan biroo magaalaan fooyyeessuu fi itti quufinsa ummataa uumuuf dhimmoota hedduurratti hojjechuun murteessaa ta’uu Aadde Caaltuu Saaniin ibsaniiru.
Aadaa hojii amma jiru fooyyeessuu cinaatti beekkumsa biyya keessaa babal’isuu fi carraa hojii harka keenya jiru sirnaan fayyadamuun tumsaa fi waldubbisuun bu’aa bu’uura taasiisuun imaluun barbaachisaa ta’uu Aadde Mufariyaatis eeraniiru.
Haaluma kanaan karoora hojii yeroo itti aanurratti mari’achuun raggaasiisuu ragaan Ministeera Magaalaa fi Bu’uraalee Misoomaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.