Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Magaalichaa Lammilee Godina Booranaa Sababa hongeen miidhamaniif deeggersa akkaakuu Birrii miiliyoo 3 taasiise

Finfinnee,Gurraandhala 24, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Baatuu Lammilee Godina Booranaa Sababa Hongeen miidhamaniif deeggersa Midhaan Nyaataa Birrii miiiliyoo 3 gumaacheera.
Hongee bara kana Aanaalee Godina Booranaa keessatti uumameen hanga ammaatt Beelladoonni kumni dhibbi 5 ol yoo du’u, kumni dhibbi 4 fi kumni 18 ol ta’an immoo harka namaatiin kaafamaa jiru jedhame.
Bulchinsi Magaalaa Baatuu lammiilee kanneen baraaruuf miidhaan nyaataa Birrii miliyoona 3 olitti tilmaamamu deeggarsaa taasiisseera.
kutalee hawaasa magaalichaa hirmaachisuun, midhaan dheedhii fi daakuu kuntaala kuma 1fi 200 Birrii miiliyoona sadii olitti tilmaamamu walitti qabuun deeggersa taasiisuu Kaantibaan magaalaa Baatuu obbo Nabii Guddaataan ibsaniiru.
Bulchaan Godina Booranaa obbo Abdusalaam Waariyoo deeggersa Bulchiinsi Magaalaa Baatuu gumaacheef galateeffachuu OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.