Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee Fayyaa Haadholee fooyyeesuuf hojjechaa jiraniif sagantaan beekkamtii laachuu fi galateeffannaa gaggeeffame

Finfinnee,Gurraandhala 24, 2014 (FBC) – Qaamolee Fayyaa Haadholee fooyyeesuuf Ministeera Fayyaa waliin hojjechaa jiraniif sagantaan beekkamtii laachuu fi galateeffannaa gaggeeffameera.
Ministeera Fayyaatti Daayreektarri Haadholii fi Daa’immanii Dooktar Masarat Zalaalam, Kunuunsa fayyaa haadholii, fayyadamummaa haadholee fi iddoolee sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa taasiisuu keessatti qaamolee qooda qaban galateeffataniiru.
Yeroo itti aanus kunuunsa fi Tajaajila Fayyaa Haadholii fi Daa’immaniirratti hirmaannaa olaanaa taasiisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Dhaabbileen deeggartootaa tumsa barbaachisu akka taasiisan gaafataniiru.
Hojii kana keessatti qaamolee qooda olaanaa ba’aniif waraqaan ragaa laatameera.
‘Haala kamuu keessatti Da’umsaan booda sababa dhangala’uu dhiigaan lubbuun deessuu tokko akka hin dabarre harka wal qabannee haa qolannu’ mata duree jedhuun Baatiin haadholii sadarkaa addunyaatti yeroo 35ffaaf akka biyyaatti ammoo yeroo 16ffaaf kabajamuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.