Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan bara 2022 kanatti fooyya’iinsa gibiraa olaanaa taasisuuf ta’uu gabaafame

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Chaayinaan bara 2022 kanatti fooyya’iinsa gibiraa olaanaa taasisuuf ta’uu gabaafame.

Biyyattiin bara 2022tti Doolaara biiliyoona 173.5 gibira hir’isuuf ta’uu beeksisteetti.

Biyyattiin gibira kana kan taasistu dameewwan teeknooloojii, kunuunsa naannoo, dame namoomaa, qonna ammayyaa fi dhimmoota naannawaarratti hojjetaman deeggaruuf ta’uu Minitirri Ministeera Maallaqaa biyyattii Liiyii Kuun ibsaniiru.

Interpiraayiziiwwan xixiqqaa fi giddugaleessaa gibira hir’isamu kanarraa fayyadamoo kan ta’an ta’uu himameera.

Biyyattiin dhaabbilee Interpiraayiziiwwan xixiqqaa fi giddugaleessaa deeggaruuf Yuwaanii biiliyoona 3 ramaduu Ittaanaan Ministira Ministeera Maallaqaa biyyattii Yuu Weeypiing eeraniiru.

Maddi:- CGTN

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.