Fana: At a Speed of Life!

Adwaan calaqqee fi fakkeenya bilisummaa Afrikaati- Obbo Jaanxiraar Abbaay

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Adwaan calaqqee fi fakkeenya bilisummaa Afrikaa ta’uu Ittaanaan Kantiibaa Magaalaa Finfinnee  Obbo Jaanxiraar Abbaay ibsaniiru.

Nuti Ityoophiyaanonni seenaa fi duudhaalee dinqisiisoo hedduu qabana jedhan ergaa kabaja Ayyaana Adwaa 126ffaa magaalaa Finfinneetti kabajamaa jirurratti ergaa taasisaniin.

Icitiin injifannoo Adwaa tokkummaa ijoollee Ityoophiyaa ta’uu haasaa isaaniin  kaasaniiru.

Seenaa Ityoophiyaarraa waan hedduu barachuu kan qabnudha jedhaniiru.

Waa’ee adwaa yeroo yaadannu tokkummaan keenya daran cimuu akka qabu kan nu yaaddachiisudha jedhan.

Adwaarraa waan baayyee baranneerra, magaalaan finfinnee magaalaa hunda keenyaa kan taate riqichaa Adwaa fi Projektii Adwaa zeeroo zeeroo qabdi jedhan

Injifannoo Adwaa gama diinagdeen mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

Carraa dhaloota egree tolchuuf kaleesarraa barachuu qabna jedhan.

Ityoophiyaa jaallachuufis ta’e jibbuuf dursa Ityoophiyaa beekuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaan qormaatilee hedduu keessa darbitee as geessus biyya biraa weerartee kan hin beekne ta’uu ibsaniiru.

Hidhi haaromsaa guddichi Injifannoo Adwaa 2ffaa ta’uu addeessaniiru.

Nageenyaa fi haqa  waaraa fiduuf jabaatanii hojjechuu kan gaafatu ta’uu ibsaniiru.

Siyaasa keenyarratti jaalala biyyaa dabaluun haa hojjennu jedhan ergaasaaniin.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.