Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad kabaja ayyaana Adwaa 126ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC)- Muummeen Ministira FDRI Abiy Ahimad kabaja ayyaana Adwaa 126ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Gootoonni abootii fi haadholii keenyaa waanjoo bittaa garbummaa, gadi aantummaa fi qaanii diduun seenaa kan itti hojjetaan ayyaana Injifannoo Adwaa kabajuu keenyaas nuti carraa qabeessootadha jedhaniiru.

Ayyaanichi yerootti bilisoomnee miti, bilisummaan keenyaa akka boorofneef irreetokkomeen kan tiksinedha malee.nuti ayyaana bilisummaa hin qabnu. Ayyaana injifannoo malee.kun seenaa yeroo kaminiiyyuu itti boonnudhas jedhaniiru.

Injifannoon Adwaa Afrikaanoonnii, Eshiyaanoonnii fi Ameerikaanoonni Kibbaa waanjoo garbummaa akka cabsaniif, bitta garbummaa akka ittisaniif, imaammataa gadi aantummaa akka jijjiirranis taasiseera jedhan.

Injifannoon Adwaa seeneessa badaa gurraachaa fi adii gidduu ture kan jijjiiree, eenyumma uummattoota gurrachaaf ragaa kan ba’eedha jedhaniiru.

Injifannichi Ityoophiyaa tuquun balaa inni fiduu barsiisee kan darbee siidaa guddaadha jedhaniiru,

Injifannoon Adwaan maallaqaa qaalidhaa.gara wantoota hedduuttis jijjiirramuu ni danda’aa jedhan.

Gaaffiin jiru garuu maallaqaa qaalii kana dhimma barbachiisaaf itti fayyadamnaarra? Kan jedhuudha.

Boodatti haftummaa hambisuuf, hiyyummaa balleessuuf, saaxilamummaa beelaa hambisuu, deemikoraasii fi haqni waaraan akka jiraatuu taasisuu, tokkummaa fi obbolummaa jabeessuuf tattaaffii taasifnee fi bu’aa argamee yoo madaallee injifannoon Adwaa karaa sirriin jijjirramuun hojiirra akka oolee nu agarsiisaa jedhaniiru.

Bittaa fi waanjoo garbummaa, gadii antummaa fi qaanii diduun aarsaan kaffallee birmaddummaa fi bilisummaa biyyaa keenyaarratti jijjiirrama murteessaa fideera jedhan.

Biyya hin xuqamnee,walabummaa isheetiin barabaraan kan jiraattu akka qabaannus taasiseera.

Injifannoo Adwaa akka maallaqaa qaaliitti jijjiirree yoo itti fayyadamnee, yaadoota keenyaa, kobbee, beekumsaa, kalaqaa, humna keenyaa wantoota sadii balleessuuf oolchu qabna.isaaniis hiyyummaa, boodatti haftuummaa fi walqoqqooduudha.

Diinoonni sadeen kun yoo injifatamaan, Ityoophiyaan goototashee duraan kan boontuu yoo taatuu, gootota haaraan biyyaa kabajaan waamamtu ni taati jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.