Fana: At a Speed of Life!

Projektiin Laamuu projektii walitti hidhamiinsa naannawaa cimsu ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC) – Projektiin buufata doonii Laamuu projektii walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuu fi guddina Afrikaaf abdii  ta’uu ibsame.

Ityoophiyaan projektii buufata doonii Laamuu ilaalchisee Sagantaa misooma bu’uuraalee misoomaa Afrikaa 7ffaa keeniyaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuu ibsame.

Projektiin buufata Laamuu walitti hidhamiinsa naannawaa kan cimsuu fi proojektii misooma diinagdee ta’uu Keeniyaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa Mallas Alam bakka bu’uun haasaa kan taasisan obbo Hiibaamoo Ayyaalewu ibsaniiru.

Projektichi daldala daangaa ce’anii fi invastimantii beeksisuurratti ga’eensaa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaan projekticha cimsuu fi jijjiirama hawaasummaa fi diinagdee uummattoota Afrikaa Bahaa saffisiisuuf yaalii taasifamu kan deeggartu ta’uu bakka bu’ichi  addeessuu isanii ragaan Minsteera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.