Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa utubaa tokkumma sabadaneessummaa fi bu’aa wal tumsuu keenyaati- TKM

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC) – Injifannoon Adwaa utubaa tokkumma sabadaneessummaa fi bu’aa wal tumsuu Ityoophiyaanotaa ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Ayyaana Adwaa 126ffaa guyyaa boruu kabajamu ilaalchisee Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseera.

Dhaloonni har’aa tokkummaan sabdaneessaa keenya gaachana birmadummaa fi bilisummaa keenyaa ta’uu isaa hubachuun madda jabina keenyaa kan ta’e tokkummaa sabdaneessaa keenya eeguutu irra jiraata jedheera ibsa isaan.

Adwaan Ityoophiyaanotaaf dhimma dirree lolaa diina injifachuu qofa akka hin taanee fi adeemsi ijaarsa biyyaa birmadummaa fi sabdaneessaa itti mirkanaa’e ta’uu eereera.

Icitiin injifannoo Adwaa tokkummaa, bilisummaa jaallachuu fi duudhaalee biyyaalessaa gabrummaa jibbuu akka ta’e ibsichaan kaafamera.

Ityoophiyaan diina alaan wayita weeraramtu kabajaa fi birmadummaa biyyaaf qabsaa’uuf Ityoophiyaanonni hiriiran  saba tokkorraa kan walitti babba’an kan hin turre ta’uu fi aadaa, afaanii fi amantaan garaagaraa kan turan bakka dhalootaan kan wal hin beekne garuummoo kaayyoo waloo kan qaban akka turan yaadachiisera. Kaayyoon isaaniis bilisummaan jiraachuu akka ture eereera.

Maddi tokkummaa Ityoophiyaanotaa afaan tokkoo dubbachuu fi naannoo tokko jiraachuu akka hin taane ibsameera.

Injifannoon Adwaa injifannoo waloo sabaa, Sab-lammootaa fi uummattootaa ta’uurra darbee dhiigaa fi lafeen kan barreeffame seenaa waloo Ityoophiyaanotaa ta’uu ibsera.

Injifannoon Adwaatti argame dadhabina diinaarraan kan ka’e osoo hin taane jabina tokkummaa uummata Ityoophiyaan ta’uu yaadachiisera.

Akkuma injifannoo Adwaa diina hardhaas ta’e boruu injifachuun kan danda’amu tokkummaa kessoo keenyaa cimsuun fi baandaawwan keessoo keenyaarraa of eeggachuuni jedheera.

Ayyaana Adwaa 126ffaa wayita kabajnu guyyaa yaadannoo injifannoo waraana Adwaa duudhaalee Adwaa eeguunii fi icitii injifannochaa tokkummaa sabdaneesummaa haalaan hubachuun ta’uu akka qabu ibseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.