Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii waliigalaa paartii Badhaadhinaa baatii Bitootessaa kabajamuuf qophiiwwan xumuramaa jiraachuu hoggantoonni paartii Badhaadhinaa naannolee beeksisan

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC) – Yaa’ii waliigalaa paartii Badhaadhinaa baatii Bitootessaa kabajamuuf qophiiwwan xumuramaa jiraachuu hoggantoonni paartii Badhaadhinaa naannolee Uummattoota Kibbaa, Gambeellaa fi Kibba Lixa Ityoophiyaa beeksisan.

Yaa’ichaaf konfiransiin qophii mata duree “ Qormaatarraa gara guddinaatti”  jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsamera.

Naannoo Uummattoota Kibbaatti hanga yoonaatti miseensonni paartichaa miiliyoona 2.1 ta’an konfiransii gaggeessuun hirmaattota yaa’ichaa filachuu hogganaan Waajjira paartii Badhaadhinaa naannichaa obbo Xilaahuun Kabbadaa himaniiru.

Naannichatti hirmaattonni sagaleen hirmaatan  namoonni 253  sagalee malee  hirmaatan 25 filatamuu eraniiru.

Gama biraan naannoo Gambeellaatti misensonni paartichaa hundi kan irratti hirmaatanii fi qaama yaa’ii yeroo dhiyootti gaggeeffamuu kan ta’e konfiransiin bu’uuraa gaggeeffamaa jiraachuu hogganaan Waajjira paartii Badhaadhinaa naannichaa obbo Laakdeer Laakbaak dubbataniiru.

Kaayyoon yaa’ichaa keessoo paartichaatti diimokiraasii mirkaneessuu fi imala waggoota jijjiiramaa darban bal’inaan kan itti gamaggamaman ta’uu himaniiru.

Bifuma walfakkaatuun Naannoon Uummattoota Lixa Ityoophiyaa konfiransiin miseensotaa gaggeeffamuu eegaluu beeksiseera.

Konfiransichaan  paartichi danbii baartichaarratti mari’achuun kan cimsuu ta’uu fi filannoon miseensota yaa’ii paartii Badhaadhinaarratti hirmaatanii  ni gaggeeffamu ta’uu eerameera.

Paartiin Badhaadhinaa magaalaa Dirree Dawaa konfiransii bu’uuraa gaggeessaa jiraachuu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.