Fana: At a Speed of Life!

Waraana ABUT waliin taasifameen hoggantootaa fi miseensota raayyaa ittisa biyyaa goota ta’aan horachuun danda’ameera-M/J Fiqaaduu

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC)- Waraana garee shororkeessaa ABUT waliin taasifameen hoggantootaa fi miseensota raayyaa ittisa biyyaa goota ta’aan horachuun danda’ameera jechuun itti aanaan ajaja bahaa Meejar Jeneraal Fiqaaduu Tsaggayeen himaniiru.

Meejar Jeneraal Fiqaaduun akka himanitti, diinni yaalii sarara daldalaa galii fi baasii guddichaa Ityoophiyaa Miilee adda kutuuf irra deddeebiin taasisee miseensoota gootoota raayyaa ittisa biyyatiin hin milkoofne jedhaniiru.

Addichatti waraanaa gaggeeffameen garichaarra kisaaraa fi miidhaa guddaan gaheera jedhan.

‘Nun osoo jirruu Ityoopiyaa hin diigamtuu’ kan jedhan M/J Fiqaaduun, miseensi ajajichaa waloo fi qindoominaan qabsoo guddaa gaggeesaa jira jechuusaanii ragaan raayyaa ittisa biyyarra argame ni muuldhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.