Fana: At a Speed of Life!

Kutaan magaalichaa lammiilee godina Matakkal qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 16 taasise

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Kutaan magaalaa Nifaas Silki Laaftoon lammiilee godina Matakkal sababa rakkoo nageenyaan qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 16 fi kuma 500tti shallagamu taasise.

Deeggarsichi gara fuulduraattis cimee kan itti fufu ta’uu hogganaan qindeessa hirmaannaa hawaasaa fi tola ooltummaa kutaa magaalichaa obbo Makonnin Zannabaa ibsaniiru.

Godinichatti jeequmsa uumameen lammiileen qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’an gara qe’eesaaniitti hanga deebi’anitti deggarsi taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu bulchaan godina Matakkal obbo Gaashuu Duugaaz eeraniiru.

Deeggarsi taasifame tokkummaan rakkoo keessaa ba’uun kan danda’amu ta’uuf agarsiistuu akka ta’e kaasuun deeggarsa taasifameef galateeffachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinicharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.