Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan itti gaafatamummaa hoggansa Fooramii Ministeerotaa godaansa hojjettoota naannawaa Keeniyaarraa fudhatte

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan itti gaafatamummaa hoggansa Fooramii Ministeerotaa godaansa hojjettoota naannawaa Keeniyaarraa fudhachuu ibsame.

Yaa’ii idilee 2ffaa fooramichaan Ityoophiyaan waggoottan lamaan dhufanitti fooramicha hogganuuf itti gaafatamummaa Keeniyaarraa fudhachuu ibsameera.

Bulchiinsa godaansa hojjettootaa fooyyessuun walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuuf Ministira Ministeera Wabii Hojjettootaa fi Hawaasummaa Keeniyaa Siimoon Cheeluuguuwii waliin marii gaggeessuu Ministirri Ministeera Hojii fi Kalaqaa aadde Muufariyaat Kaamiil ibsaniiru.

Fooramichi waggoottan lamaan darbanitti hojiiwan hedduu hojjechaa turuu aadde Mufaariyaat ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.

Fooramicha gaggeessaa kan turte Keeniyaa fi biyyoota miseensota fooramichaa ta’an galateeffataniiru.

Humna namaa fedhii gabaarratti hundaa’e oomishuun gabaaf dhiyeessuun diinagdee biyyaa deeggaruun cinatti lammiileen kabajaa fi faayidaa isaaniif malu akka argatan kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaan akkuma dhimmoota biroo dame kanaanis ga’ee hoggantummaa itti kenname walitti hidhamiinsa naannawichaa daran cimsuu fi jijjiirama si’ataa fiduuf kutannoon kan hojjettu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.