Fana: At a Speed of Life!

Balaa konkolaataa ga’een lubbuun namoota 5 darbe

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Balaa konkolaataa Buunoo Baddallee aanaa Dhidheessaa fi Baale Dalloo Mannaatti ga’een lubbuun namoota 5 darbe.

Kaleessa galgala godina Buunnoo Beddellee aanaa Dhidheessaa magaalaa Dambiitti balaa konkolaataa mudateen lubbuun namoota afurii yoo darbu, daa’ima tokko irra miidhaa cimaan qaqqabeera.

Konkolaataan fe’isaa boqqoolloo fe’ee gara magaalaa Finfinneetti imalaa ture garagaluun konkolachisaa dabalatee namoonni afur battalumatti lubbuun isaanii yoo darbu, daa’ima lafa deemaa turte tokko irratti immoo balaa cimaan irra ga’eera.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Koominikeeshinii Buunoo Beddellee irraa argame ni agarsiisa.

Guyyuma kana balaa konkolaataa Baalee Dalloo Mannaa ganda Malkaa Amaanaatt mudateen lubbuun nama 1 darbeera.

Akka ragaan Waajjira Dhimmoota Koominikeeshinii Dalloo Mannaarraa arganne muul’isutti namoota muraasa irra ammoo miidhaa cimaa fi salphaan ga’eera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.