Fana: At a Speed of Life!

Itti aantuun Ministirri Alaa fi Tumsa idil addunyaa Xaaliyaanii Finfinnee galan

Finfinnee,Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Itti aantuun Ministirri Alaa fi Tumsa idil addunyaa Xaaliyaanii Maariinaa Seereenii daawwannaa hojii guyyoota 3f Finfinnee galaniiru.
Maariinaa Seereeniin turtii isaanii Ityoophiyaan Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee, Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Alaa obbo Dammaqaa Makonniinii fi aango’oota mootummaa biroon waliin marii ni taasiisuun eegama.
Proojektoota deeggarsa mootummaan Xaaliyaaniin Finfinneetti ijaarramaa jirus ni daawwatu jedhame.
Maariinaa Seereeniin haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee aanga’oota mootummaa waliin marii ifaa ni taasiisuun kan eegamu ta’uu ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Xaaliyaanirraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.