Naannichatti dhaabbilee fayyaa iddoowwan hongeen miidhamanitti argamaniif deggarsi qorichaa Birrii miiliyoona 31 taasifame
Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Naannoo Somaaleetti dhaabbilee fayyaa iddoowwan hongeen miidhamanitti argamaniif deggarsi qorichaa, nyaata madaalamaa fi meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 31tti tilmaamamuu taasifame.
Jilli Ministir Deetaa Ministeera Fayyaa aadde Sahaarallaa Abdullaahiin durfamu naannichatti hospitaalota sadarkaa jalqabaa 6 fi buufataalee fayyaa 6 iddoowwan hongeen miidhamanitti argamaniif kan oolu deeggarsicha dabarsee laateera.
Fuuldurattis deeggarsichi naannolee Oromiyaa, Uummattoota Kibbaa fi Kibba Lixa Ityoophiyaaf kan taasifamu ta’uu aadde Sahaarallaan ibsuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.