Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Putiin Dhaabbileen Humna Ittisa Nukleerii of eeggannoon akka dhaabbatan ajajen

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Dhaabbileen Humna Ittisa Nukleerii of eeggannoon akka dhaabbatan ajajeniiru.

Putiin ajaja kana kan dabarsan Ministira Raayyaa Ittisaa Sargeey Shooyiguu fi itti gaafatamaa kaabinee Vaalarii Garaasiimoov waliin erga mari’atanii booda ta’uu ibsameera.

‘Biyyoonni Lixaa qoqqoobbii seeran alaa kaa’aa jiru, aanga’oonni NATO ibsa waraana labsu laataa waan jiraniif Ittisni Humna Nukleerii qophii ta’uu qabu’jedhan Preezdaant Putiin.

Humni Nukleerii Raashiyaa meeshaalee hidhannoo Ittisaa fi haleeluuf oolan kan hidhate ta’uu TRT gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.