Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 30 olitti tilmaamamu to’atame
Finfinnee, Gurraandhala 20, 2014 (FBC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 30 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishinii Gumurukaa Ityoophiyaatti Waajjirri Damee Awaash beeksiise.
Meeshaaleen seeraan alaa Godina Shinaalee aanaa Muuluu gara Giddu gala biyyaatti imalaa ture magaalaa Bordaddeetii ba’ee Bosana keessa dhokfamee ture to’atamuu dursaan garee ittisa meeshaalee kontiroobaandii Inispeektar Alamuu Yimar ibsaniiru.
Sakattoo waloon taasiifameen meeshaaleen kunneen to’atamuun Waajjirichaaf galii ta’uu ibsaniiru.
Uffataaleen, qorichoonni, kopheewwanii fi baalli sammuu namaa adoochu meeshaalee seeran ala socho’aa turan kanneen keessatti kan argaman ta’uu ibsameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.