Dhaabbanni Nama Namaaf lammiilee rakkoo keessa jiraniif deeggarsa taasiisu cimsee itti fufuu qaba – Preezdaant Saahilawarq Zawdee
Finfinnee, Gurraandhala 19, 2014 (FBC) –Dhaabbanni Nama Namaaf lammiilee rakkoo keessa jiraniif deeggarsa taasiisu cimsee itti fufuu akka qabu Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen waamicha dhiyeessan.
Dhaabbanni Nama Namaaf waggaa 40ffaa Ityoophiyaatti hojii eegale kabajeera.
Saganticharratti Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee fi Preezdaantii Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee argamaniiru.
Preezdaant Saahilawarq dhaabbatichi waggoottan 40 darbanitti hojiilee Ityoophiyaatti raawwachaa tureef galateeffataniiru.
Dhaabbatichi deeggarsa lammiilee rakkoo keessa jiraniif taasiisu cimsee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.